314просмотров
29.3%от подписчиков
5 марта 2026 г.
Score: 345
Akka isa nama gammachiisuuf ija ilaallattanii hojjettanii utuu hin ta'in 🙅♂️, akka hojjetoota Kristositti garaa guutuudhaan jaalala Waaqayyoo raawwadhaa! ❤️🙏 Akka waan namaaf hojjettaniitti utuu hin ta'in, akka waan Gooftaadhaaf hojjettaniitti gammachuudhaan hojjedhaa! 😊✨ Eenyu illee, garbichas ta'u birmaduus ta'u, hojii gaarii isa hojjeteef Gooftaa biraa gatii isaa akka fudhatu beekaa! 🏆👑 Isin warri hojjechiifattanis hojjetoota keessaniif akkasuma godhaa! Doorsisas dhiisaa! 🚫😤 Gooftaan inni Waaqa irra jiru isaaniif, isiniifis Gooftaa dha; isa bira immoo nama wal caalchisuun akka hin jirre beekaa. ⚖️✨ Kanaa achi, Gooftaatti humna isaa isa aangoo-qabeessattis jabaadhaa! 💪🔥 Haxxummaa Seexanaatiin mormuu akka dandeessanitti, mi'a lolaa isa kan Waaqayyoo guutummaatti hidhadhaa! 🛡️⚔️ Nuyi namoota foon uffatanii wajjin wal'aansoo wal qabna miti; garuu humnoota aboo qabanii fi gooftummaa qaban, warra bantii waaqaa keessaa biyya lafaa isa dukkana keessa jiru kana seerratan 🌑, macca hafuurota hamminaa warra bantii waaqaa keessa jiraatanii wajjin wal'aansoo wal qabna. 👹🔥 Kanaaf guyyaa hamaa sanatti mormitanii ittiin qabuu, mi'a guutummaatti hidhattan sanaanis lolatti dhaabachuu akka dandeessanitti, mi'a lolaa isa kan Waaqayyoo fudhadhaa! 🛡️💪 Egaa akka nama sabbataan hidhatuutti dhugaadhaan mudhii keessan jabeeffadhaa 💪, qajeelummaas akka maddaa sibiilaatti uffadhaatii dhaabadhaa! ⚔️ Akka nama kophee kaa'ateettis wangeela nagaa fudhattanii, isa lallabuudhaaf qophaa'aa! 👣📢 Kana hundumaa irrattis amantii akka gaachanaatti fudhadhaa! 🛡️ Isaan xiyya isa hamaa sanaa, warra boba'aa adeeman dhaamsuu in dandeessu. 🔥 Fayyina akka gonfoo-sibiilaatti 📿, sagalee Waaqayyoos akka billaatti ⚔️, Hafuura Qulqulluu biraa fudhadhaa! 💫✨ Kadhataa fi himata keessan hundumaa keessatti yeroo hundumaa hafuuraan geggeeffamaatii kadhadhaa! 🙏🕊️ Egaa kadhachuutti dammaqaa ⏰, obsaanis itti jabaadhaa 💪, warra Waaqayyoof qulqullaa'an hundumaafis kadhadhaa! 🙌👐
Efesoon 6:6-18 📖✨